Daa’imi waggaa sadiif osoo hindubbatin turuun maatii yaaddesse Afaan ingiliffaan haasa’uun mama ta’e.

Daa’imi waggaa sadiif osoo hindubbatin turuun maatii yaaddesse Afaan ingiliffaan haasa’uun mama ta’e.

Godina Booranaa Bulchiinsa Magaala Yaaballoo ganda Dhakaa qakhee reera dhaddacha kopheetti daa’imi waggaa sadiif osoo hindubbatin turuun maatii yaaddesse Afaan ingiliffaan haasa’uun mama ta’uu maatiin dubbatan.

Dubree Rihooboot Aphee jedhamti Magaala Yaaballoo ganda dhaddacha kopheetti Abbaa isii Aphee Irboofi haadha ishee Gennet Gussiyya irraa dhalatte, Rihoobbot ilmaan Obboo Haphee Irboo sadii keessaa lammaffaa irratti dhalachuun hanga umriin ishee waggaa afur guututti osoo hindubbatin turuun maatiin yaada’uu dubbatan.

Turtii waggaa sadiin booda daa’imi kun mallattoolee garaagaraan fedhii isii ibsachaa dhufuun suuta afaan ingiliffaan haasa’uu eegalte jedhan Obbo Hapheen.



Ollaan  Obbo Haphee qarqara magaalaa kan qubateefi maatiinis hojii mootummaaf wajjiin ooluu dhabuu himuun isheenis daa’imman afaan Oromoo dubbatan keessatti afaan ingiliffaa qofaan haasa’uun  kan isaan mamsiise ta’uu himuun baruumsaafis galmeessuun achitis barsiisotaafi barattootaan waliif galuu dadhabuun rakkachaa turuu himan.

Dubree Rihoobot qaayeettis afaan ingiliffaa qofa waan haasoftuuf maatiin hundi afaanicha dubbachuuf dirqamuu haati Rihoobot qees Gennet Gusiyyaa  himan.

Daa’ima kanaaf kunuunsatti barbaachisa kanaaf immoo mani baruumsaa afaanicha itti dubbatan waan hinjirreef guddoo nu yaadesse jedhan Obbo Haphee Irboo.

Maddii: Waajjira Kominikeeshinii Godina Booranaa

Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started